Wantoota Ganama Kaane Gochuun Fayyaa Keenya Miidhu 🌅🚫
Ganama yeroo kaanu, qaamni keenya boqonnaa hirriibaa irraa ka’ee haala dadhabaa keessa jira. Yeroo kana wantoota muraasa gochuun fayyaa keenya irratti miidhaa guddaa geessisuu danda’a. Mee wantoota kana irraa of eeggadhaa👇
1. Sochii Cimaa fi Saffisaa Gochuu 🏃♂️💨
-
Fakkeenyaaf: fageenya dheeraa fi saffisaa fiiguu, ba’ii ulfaataa kaasu.
-
Sababni: qaamni yeroo ganama dadhabaa waan ta’eef, onnee fi madda humnaa irratti dhiibbaa cimaa geessa.
2. Dhugaatii Sukkaara Baay’ee Qabu Dhuguu 🥤
-
Fakkeenyaaf: energy drink, soda, fi dhugaatii sukkaara garmalee qabu.
-
Sababni: sukkaarri garmalee insulin irratti dhiibbaa fida, dadhabbii fi jijjiirama haalaa (mood) uuma.
3. Ifaa Bilbilaa fi TV Itti Fayyadamu Yeroo Dheeraa 📱📺
-
Sababni: ifni “blue light” sammuu dadhabsiisa, xiyyeeffannaa hir’isa, tasgabbii ganamaa balleessa.
4. Nyaata Zeeyta Qabu fi Saamsamaa Nyaachuu 🍕🥟🍔
-
Fakkeenyaaf: sambusaa, pizza, foon xaasaa.
-
Sababni: bullaa’ina nyaataa miidhuu, bokoka, garaacha gubuu fi dadhabbii fida.
5. Yaada Dhiphina Fidaa Yaaduu 🤯
-
Fakkeenyaaf: rakkoo maatii, hojii, ykn waan furmaata hin qabne irratti xiyyeeffachuu.
-
Sababni: sammuu qulqulluu ganamaa jeequu, miira fi xiyyeeffannaa dadhabsiisu.
6. Sigaaraa, Alkoolii fi Dhugaatii Nama Macheessan Fayyadamu 🚬🍷
-
Sababni: qaama dadhabsiisan, onnee fi somba miidhan, tasgabbii ganamaa balleessu.
7. Hirriiba Gahaa Malee Ka’uu 😴
-
Fakkeenyaaf: sa’aatii 4–5 qofaa rafanii ka’uu.
-
Sababni: hirriiba gahaa dhabuu → onnee, sammuu fi qaama miidha.
✅ Hubachiisa: Ganama yeroo kaanu, wantoota fayyaa keenya eegan irratti xiyyeeffachuun jireenya keenya bareechisa.
🙏 Lafa nagayaa olaa! Fayyaan dhaba hin qabu!
0 Comments